About us
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa bara 1999 hanga bara 2007tti, Komishinii Barnoota Leenjii teeknikaa fi Ogummaa Oromiyaa jalatti Wiirtuu madaalii gahumsa ogummaa jedhamuun aangoo kennammef bahaa tureera. Haata’u malee Mootummaan Naannoo Oromiyaa baldhina naannichaa fi ergama mana hojichaa irraa ka’uun, of danda’ee akka dhaabbatu waan itti amanameef, Waxabajjii 12/2007 irraa eegalee Danbii Lakk 173/2007tiin gara ejensiitti guddatee Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa jedhamee erga gurmaa’ee jira. Gaaffii madaallii yeroo gara yeerootti dabalaa dhufe keessummeessuu fi tajaajila ummata qaqqabsiisuuf godinoota 21 fi magaaloota 19 kilaastariin qooduun, ummata aanaalee 336 keessa jiraatan tajaajila madaallii qaqbsiisuuf damelee ejensii 7 banuun hojjataa jira. Akka walii galaatti hojjattoonni tajaajilaa jiran Sadarkaa Ejensii irratti dhi 63 dub 28 waliigala 91 yoo ta’an, Dameelee irrati dhi 113 dub 45 waliigala 158 dha. Akka waliigalaatti hojjattoota dhi 176 dub 73 waliigala 249 ta’aniin bu’aa qabeesummaaf hojjataa jira.
Ergama EMGO Oromiyaa
Leenjifamtoonni Barnoota fi Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa (BLTO) fi hojjettoota industirii akkasumas ogeessota muxannoo horatan gahumsa isaanii kallattii gabaan hojii barbaaduun madaaluudhaan kanneen gahoomaniif beekamtii kennuudha.
Mul'ata EMGO Oromiyaa
Bara 2022tti Ogeessa madaalamee gahoomee fi ofitti amanamumma qabu, akkasumas, sadarkaa adduunyaatti dorgomaa ta'ee fi kaka'umsa qabaatee carraa hojii ofii uummachuu danda'u uumamee arguudha.
Mul'ata EMGO Oromiyaa
Ittigaafatamummaa
Iftoomina
Gahumsa
Qulqullina
Hirmaachisummaa
Al-loogummaa
Naamusa ogummaa eeguu
.
Our Clients